Yoon sanada hin qabannehoo?

Af Soomaali | English | Español

Ulaagaan MinnesotaCare ga’eessota umuriin isaanii waggaa 18 fi isaa ol ta’ee fi haala immigireeshinii qabaachuu isaanii hin agarsiifneef sababa jijjirama seeraa kutaa biyyattitiin, gaafa Mud.31, 2025 ni xumurama. Kana jechuun guyyaa sana booda uwwisni MinnesotaCare namoota dhuunfaaf kennu ni dhaabbata jechuudha. Daa’imman umuriin isaanii waggaa 18 gadi ta’e kanneen haala immigireeshinii qabaachuu isaanii hin agarsiifne ulaagaa guutuu isaanii itti fufu. Namoonni galmaa’an uwwisni isaanii kan xumuramu yoo ta’e ji’a Sadaasaaa keessa xalayaadhaan beeksisa ni argatu.

Torbanoota dhufan keessa odeeffannoo dabalataa argachuuf xalayaa fi ergaa barreeffamaa keessan ilaalaa.

Yeroo kanatti ulaagaan Gargaarsa Yaalaa hin jijjiramu. Dubartoonni ulfaa ulaagaa guutan haalli immigireeshinii isaanii osoo hin ilaalamin Gargaarsa Fayyaa argachuuf ulaagaa guutuu isaanii itti fufu.  Caalaatti “Filannoowwan kunuunsa fayyaa biroo” jalaa baradhaa.

Erga barreeffamaa

Department of Human Services namoota galmaa’an waliin waa’ee ulaaga kunuunsa fayyaa isaanii haasauuf ergaa barreeffama fayyadama. Lakkoofsa 28343 qofaa irraa ergaa barreeffama ergina. Lakkoofsa kana quunnamtii keessanitti dabaluudhaan ergaan kun nu biraa akka ta’e beekuu dandeessu.

Jijjirama Gabaasuu

Jijjiirama kamiyyuu haala immigireeshinii ykn ulfaa irratti mul’ate dafanii gabaasuu. Jijjiiramni kun inshuraansii keessan akka qabaattan isin dandeessisuu dandaʼa. 

  • Yoo namni mana keessan keessa jiru tokko Gargaarsa Fayyaa argate, jijjiirama kana Ejensii Kawuntii ykn gosaa keessaniif gabaasaa.
  • Yoo namni mana keessan keessa tokkoyyuu Gargaarsa Fayyaa hin arganne garuu immoo namni tokko MinnesotaCare argate, jijjiirama kana DHS Health Care Consumer Support tiif lakkoofsa 800-657-3672 ykn 651-297-3862 irratti gabaasaa.

Filannoo kunuunsa fayyaa biroo

Erga uwwisa keessan dhabdanii booda kunuunsa yoo barbaaddan, ammallee filannoowwan qabaachuu dandeessu:

  • Gargaarsi Fayyaa kanneeniif jira:
    • Dubartoota ulfaa haala immigireeshinii osoo hin ilaalamin ulaagaa guutanii fi da’umsa booda ji’oota 12 (erga da’anii booda) kan ta’aniif. 
    • Namoota ulaagaa Gargaarsa Yaalaa Hatattamaa guutan, kunis namoota tokko tokko kutaa balaa tasaa irraa gara kutaa balaa tasaa ykn hospitaalaatti ergamanii gargaarsa hatattamaatiif kaffalan.  
  • Dandeettii kaffaltii keessanii osoo hin ilaalamin Minnesota Health Centers irraa kunuunsa fayyaa argachuu dandeessu. Buufata fayaa naannoo keessan jiru barbaadaa.  
  • Karaa Minnesota Insulin Safety Net Program tiin insuliinii gatii xiqqaa argachuuf ulaagaa guutuu dandeessu.

Waa’ee odeeffannoo qooduu yaaddoo qabdu?

Odeeffannoo mootummaaf qooduun haala immigireeshinii keessan irratti dhiibbaa akkamii akka geessisu yaaddoo yoo qabaattan, haala addaa keessan ilaalchisee gorsa argachuuf abbaa seeraa immigireeshinii waliin haasa’aa. Miseensonni Minnesota’s Immigration Legal Services Hub Initiative lama tajaajila seeraa immigireeshinii bilisaa ykn gatii xiqqaa fi gargaarsa seeraa dantaa ummataa ni kennu:

  • Mid-Minnesota Legal Aid: 877-696-6529
  • Southern Minnesota Regional Services: 877-696-6529

Akkasumas meesha barbaacha American Immigration Lawyers Association tiin “Abukaatoo Immigireeshinii Barbaaduu” jedhu fayyadamuu dandeessu.

Gaaffiiwwan ykn yaaddoowwan?

  • Odeeffannoo dabalataa waa’ee jijjirama ulaagaa MinnesotaCare argachuuf MNsure-certified navigator qunnamaa.
  • Yoo waa’ee gargaarsa naannoo keessan jiru gaaffii qabaattan, Refugee and Immigrant Helpline kutaa biyyaa irratti bilbiluudhaan odeeffannoo, qabeenya fi tajaajiloota hawaasa keessan keessa jiran argachuu dandeessu.