Gatiinsaa hammam ta’a?
Af Soomaali | English | Español
Miseensonni MinnesotaCare tokko tokko baraarsa isaaniif kaffaltii kan kaffaltii olaanaa jedhamu ji’a ji’aan kaffalu, Maallaqni kaffalamu galii dhuunfaa, baay’ina maatii fi baay’ina miseensota maatii saganticha irratti galmaa’an irratti hundaa’a.
Namoonni tokko tokko gonkumaa kaffaltii olaanaa kaffaluu hin qaban:
- Daa’imman umuriin isaanii waggaa 21 gadi ta’e.
 - Lammiileen Hindii Ameerikaa fi Dhalattoota Alaskaa fi maatii isaanii.
 - Miseensonni waraanaa fi maatiin isaanii hojii sochii erga xumuranii booda ji’oota 24 keessatti ulaagaa yoo guutan ji’oota 12f.
 
Erga iyyattanii booda, MinnesotaCare argachuuf ulaagaa guutuu qabaachuu keessan isinitti himama. Sana booda inshuraansii keessan jalqabuuf kaffaltii ji’aa jalqabaa kaffaluu qabdu.
Chaartii kana fayyadamuun kaffaltiin ji’aa keessan maal akka ta’u adda baasaa:
1/1/2026 – 31/12/2026
| Hanga maatii | 1 Nama | 2 Namoota | 3 Namoota | 4 Namoota | 5 Namoota | 6 Namoota | 7 Namoota | 8 Namoota | Kaffaltii ji’aa* (baay’ina namoota maatii MinnesotaCare keessatti galmaa’aniin baay’isuun kaffaltii maallaqa waliigalaa) | 
| Galiin waggaa | Hanga $5,477 | Hanga $7,402 | Hanga $9,327 | Hanga $11,252 | Hanga
 $13,177  | 
Hanga $15,102 | Hanga $17,027 | Hanga
 $18,952  | 
$0 | 
| Galiin waggaa | $5,478 tii hanga $8,607 | $7,403 tii hanga $11,632 | $9,328 tii hanga $14,657 | $11,253 tii hanga $17,682 | $13,178 tii hanga $20,707 | $15,103 tii hanga $23,732 | $17,028 tii hanga $26,757 | $18,953 tii hanga $29,782 | $4 | 
| Galiin waggaa | $8,608 tii hanga $12,519 | $11,633 tii hanga $16,919 | $14,658 tii hanga $21,319 | $17,683 tii hanga $25,719 | $20,708 tii hanga $30,119 | $23,733 tii hanga $34,519 | $26,758 tii hanga $38,919 | $29,783 tii hanga $43,319 | $6 | 
| Galiin waggaa | $12,520 tii hanga $14,084 | $16,920 tii hanga $19,034 | $21,320 tii hanga $23,984 | $25,720 tii hanga $28,934 | $30,120 tii hanga $33,884 | $34,520 tii hanga $38,834 | $38,920 tii hanga $43,784 | $43,320 tii hanga $48,734 | $8 | 
| Galiin waggaa | $14,085 tii hanga $15,649 | $19,035 tii hanga $21,149 | $23,985 tii hanga $26,649 | $28,935 tii hanga $32,149 | $33,885 tii hanga $37,649 | $38,835 tii hanga $43,149 | $43,785 tii hanga $48,649 | $48,735 tii hanga $54,149 | $10 | 
| Galiin waggaa | $15,650 tii hanga $17,214 | $21,150 tii hanga $23,264 | $26,650 tii hanga $29,314 | $32,150 tii hangao $35,364 | $37,650 tii hangao $41,414 | $37,650 tii hanga $41,414 | $48,650 tii hanga $53,514 | $54,150 tii hanga $59,564 | $12 | 
| Galiin waggaa | $17,215 tii hanga $18,779 | $23,265 tii hanga $25,379 | $29,315 tii hanga $31,979 | $35,365 tii hanga $38,579 | $41,415 tii hanga $45,179 | $47,465 tii hanga $51,779 | $53,515 tii hanga $58,379 | $59,565 tii hanga $64,979 | $14 | 
| Galiin waggaa | $18,780 tii hanga $20,344 | $25,380 tii hanga $27,494 | $31,980 tii hanga $34,644 | $38,580 tii hanga $41,794 | $45,180 tii hanga $48,944 | $51,780 tii hanga $56,094 | $58,380 tii hanga $63,244 | $64,980 tii hanga $70,394 | $15 | 
| Galiin waggaa | $20,345 tii hanga $21,909 | $27,495 tii hanga $29,609 | $34,645 tii hanga $37,309 | $41,795 tii hanga $45,009 | $48,945 tii hanga $52,709 | $56,095 tii hanga $60,409 | $63,245 tii hanga $68,109 | $70,395 tii hanga $75,809 | $16 | 
| Galiin waggaa | $21,910 tii hanga $23,474 | $29,610 tii hanga $31,724 | $37,310 tii hanga $39,974 | $45,010 tii hanga $48,224 | $52,710 tii hanga $56,474 | $60,410 tii hanga $64,724 | $68,110 tii hanga $72,974 | $75,810 tii hanga $81,224 | $25 | 
| Galiin waggaa | $23,475 tii hanga $25,039 | $31,725 tii hanga $33,839 | $39,975 tii hanga $42,639 | $48,225 tii hanga $51,439 | $56,475 tii hanga $60,239 | $64,725 tii hanga $69,039 | $72,975 tii hanga $77,839 | $81,225 tii hanga $86,639 | $37 | 
| Galiin waggaa | $25,040 tii hanga $26,604 | $33,840 tii hanga $35,954 | $42,640 tii hanga $45,304 | $51,440 tii hanga $54,654 | $60,240 tii hanga $64,004 | $69,040 tii hanga $73,354 | $77,840 tii hangao $82,704 | $86,640 tii hanga $92,054 | $44 | 
| Galiin waggaa | $26,605 tii hanga $28,169 | $35,955 tii hanga $38,069 | $45,305 tii hanga $47,969 | $54,655 tii hanga $57,869 | $64,005 tii hanga $67,769 | $73,355 tii hanga $77,669 | $82,705 tii hanga $87,569 | $92,055 tii hanga $97,469 | $52 | 
| Galiin waggaa | $28,170 tii hanga $29,734 | $38,070 tii hanga $40,184 | $47,970 tii hanga $50,634 | $57,870 tii hanga $61,084 | $67,770 tii hanga $71,534 | $77,670 tii hanga $81,984 | $87,570 tii hanga $92,434 | $97,470 tii hanga $102,884 | $61 | 
| Galiin waggaa | $29,735 tii hanga $31,299 | $40,185 tii hanga $42,299 | $50,635 tii hanga $53,299 | $61,085 tii hanga $64,299 | $71,535 tii hangao $75,299 | $81,985 tii hanga $86,299 | $92,435 tii hanga $97,299 | $102,885 tii hanga $108,299 | $71 | 
| Galiin waggaa | $31,300 | $42,300 | $53,300 | $64,300 | $75,300 | $86,300 | $97,300 | $108,300 | $80 | 
Baasii biroo
Miseensonni MinnesotaCare tokko tokko kaffaltii yaalaa isaanii keessaa gar tokko kaffalu. Qoodinsi baasii kun kaffaltii waliinii jedhama. Innis maallaqa murtaa’aa kaffaltii ati kiisha keessaa baatee tajaajila eegumsa fayyaa murtaa’e tokkoof kaffaltudha.
Namoonni tokko tokko kaffaltii waliinii gonkumaa hin qaban:
- Daa’imman umuriin isaanii waggaa 21 gadi ta’e
 - Dubartoota ulfaa
 - Lammiileen Hindii Ameerikaa Gosa beekamtii federaalaa qabu keessatti galmaa’an
 - Lammiileen Hindii Ameerikaa kanneen tajaajila dhiyeessaa eegumsa fayyaa Hindii irraa ykn karaa rifaralaa Tajaajila Fayyaa Hindii irraa argatan
 
MinnesotaCare tajaajila bal’aa kunuunsa ittisaa, kunuunsa idilee, kunuunsa addaa fi kunuunsa hatattamaa ni haguuga. Tajaajiloonni baay’een isaanii kaffaltii waliinii hin qaban. Fakkeenyaaf:
- Kunuunsa ittisaaf $0, kan akka qorannoo waggaa, qorannoo kaansarii fi talaallii
 - Baqaqsanii hodhuu dhukkubsataa alaan deddeebi’uuf $0
 - Meeshaalee yaalaa yeroo dheeraadhaaf turaniif, kan akka wiilcheeriif, namoota deemsaaf, meeshaalee oksijiinii ykn meeshaa qorannoo dhiigaa dhukkuba sukkaaraatiif $0
 - Ilkaan ilaallachuuf $0
 - Qoricha fayyaa sammuu tokko tokkoof $0
 
Kaffaltii waliinii MinnesotaCare:
- Qorichoota maqaa daldalaatiin hojjetaman $25 ykn qoricha jeneeriik $10 ji’atti yoo baay’ate $70
 - Daawwannaa waajjira doktoraaf $28
 - Daawwannaa kutaa balaa tasaatif $100 (yoo daawwannaan ER hospitaala ciisuu fide kaffaltii waliinii $0) .
 - Mana yaalaa kan deddeebi’anii yaalaman keessa seenuuf $250
 - Tajaajila raadiyooloojiif daawwannaa tokkoof doolaara 45, kan akka raajii
 - Golgaa ijaa tokkoof doolaara $10
 
Kaffaltii waliinii keessan kallattiin ogeessa kunuunsa fayyaa keessaniif kaffaltu. Dhiyeessitoonni tokko tokko kunuunsa argachuu keessan dura kaffaltii waliinii akka kaffaltan isin taasisu.
Baasii miseensonni MinnesotaCare tajaajila uwwifameef kaffalan sun qofa. Miseensonni MinnesotaCare hir’ina hin qaban. (Hirrifama maallaqa barbaachisu kan baraarsaa kaffaltii yaalaa keessaniif kaffalu dura kiisha keessan keessaa kaffaluu qabdanidha.)