Ani ulaagaa nan guutaa?
Ulaagaa kan guuttan yoo:
- Minnesota keessa kan jiraattan ta'e.
- Daangaa galii kan guuttan ta'e.
- Filannoo inshuraansii fayyaa kan biroo dhabuu. Hojiin keessan inshuuraansii fayyaa yoo isiniif kenne, inshuuraansii hojii keessan irraa argamu isiniif baay’ee mi'aa yoo ta’e ammas ulaagaa guutuu dandeessu.
![]()
Ulaagaalee kunneen yoo guuttan iyyachuu qabdu.
| Baay’ina Miseensa maatii | Galiin waggaa qixa ykn isaa gadi |
|---|---|
| Nama 1 | $31,300 |
| Nama 2 | $42,300 |
| Nama 3 | $53,300 |
| Nama 4 | $64,300 |
| Nama 5 | $75,300 |
| Nama 6 | $86,300 |
| Nama 7 | $97,300 |
| Nama 8 | $108,300 |
Ani ulaagaa hin guutu
Yoo kunuunsa barbaaddanii fi inshuraansii kan hin qabne ta’e, ammallee filannoo qabdu.
Gargaarsi Yaala Fayyaa nama ulfaa kamiifuu haala immigireeshinii osoo hin ilaalin da’umsa booda ji’oota 12f, ykn yeroo da'umsaatiin booda ni argama. Gargaarsi Yaalaa Fayyaa Namoota Tajaajila Giddugala Miidhamtoota Dararamanii keessatti argataniifis ni kennama.
Seerota Gargaarsa Yaala Hatattamaa (Emergency Medical Assistance) guutuu dandeessu. Sagantaan kun namoota tokko tokkoof kutaa balaa tasaa keessatti ykn hospitaala keessatti yeroo kutaa balaa tasaa irraa seenan baasii kunuunsa hatattamaa kaffala.
Dandeettii kaffaltii keessan osoo hin ilaalin Giddugala Fayyaa Minnesota irraa kunuunsa fayyaa argachuu dandeessu. Buufata fayyaa naannoo keessan jiru www.mnhealthcenters.org/find-healthcare irratti barbaadaa.
Akkasumas, karaa Sagantaa Nageenya Insuliinii Minnesotaatiin insuliinii gatii xiqqaadhaan argachuuf ulaagaa guutuu dandeessu. Caalaatti mninsulin.org irraa baradhaa.